Badhaasa Qulqullinaa tajaajila Olaanaa Daayimandii Idil Addunyaa bara 2023
Baankiin Oromiyaa walitti aansuun yeroo lammataaf Badhaasa Qulqullinaa tajaajila Olaanaa Daayimandii Idil Addunyaa bara 2023 badhaafamu ilaalchisee midiyaaleef ibsi kennamee jira.
Hoji Rawwaachiisaa Olaanaan Baankii Oromiyaa Obbo Tafarii Mokonnin Ibsa midiyaaleef kennaniin akka jedhanitti barri bajataa darbe Baankii Oromiyaaf Bara milkii akka ture yaadatanii dhuma bara bajataa irratti badhaasni idil addunyaa Baankii keenya argate jijjirama hunda qabeessa baankiin keenya itti jiru karaa sirrii qabachuu isaa agarsiisa jedhani.
Aardii Awurooppaa magaala Brassels irratti sirni bekkamtii gaggeefame irratti baankiin keenya ambaassaddara Biyya keenyaa ta’ee maqaa gaarii biyya keenyaa roga gaariin agarsiisee jira jedhani.
Milkaa’ina beekkamtii kanaatiif maamiltoota, Miseensota Boordii, miseensota manajimentii fi Hojjettoota hunda Obbo Tafariin galateeffataniiru.

