1. News and Updates
  2. Sosoochii Gabaa fi Dhaqqabummaa - Jimmaa

Sosoochii gabaa fi dhaqqabummaa magaalaa Jimmaatti

Baankiin Oromiyaa sosoochii gabaa fi dhaqqabummaa magaalaa Jimmaatti gaggeesseen qonnaan bultoota Jimmaa fi naannoo ishee 300 ol ta’aniif kophee hojii yeroo gannaaf oolu boottii arjoomeera.

Sagantaa kana irratti hoggantoota olaanoo Baankii Oromiyaa dabalatee qonnaan bultoonni fi jiraattonni Magaalaa Jimmaa fi naannoo argamaniiru.

Herrega Qusannaa Addaa Qonnaan bultoota Subii dabalatee omishaa fi tajaajila Baankii keenyaa irratti hirmaattotaaf ibsi bal’aan kennameera.

Baankiin keenya Qonnaan bultoota giddu gala godhachuun tooftaaflee faayinaansii dhiyeessuun guddina qonnaa biyya keenyaaf gahee isaa bahachaa jira.

Haaluma wal fakkaatuun Baankiin Oromiyaa magaalaa Tulluu Boolloo fi Holotaatti sosoochii gabaa fi dhaqqabummaa qonnaan bultootaa qopheessuun isaa ni yaadatama.

Pin It on Pinterest

Share This

Share This

Share this post with your friends!

Share This

Share this post with your friends!

×